Fana: At a Speed of Life!

Astiraazeenikaan Talaallii Covid -19 oomishuu dhaabuu beeksiise

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Talaalliin Covid -19 Astiraazeenikaan fayyaa namaarratti dhiibbaa qaqqabsiisuu hordofee oomishichi Gabaa Addunyaa keessa ba’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Talaalliin Covid Astiraazeenikaan Ititu dhiigaa kan fidu ta’uu mirkaanaa’uu hordofee gabaa addunyaa keessaa akka ba’u taasiifamuu himameera.

Dhaabbatichi erga weerarri Covid -19 mudatee eegalee talaalliwwan miiliyoona 3 ol garguruu fi namoota miiliyoona 6.5 ol dhibicharraa fayyisuu danda’uu ibseera.

Talaallichi Miidhaa dabalataa qaqqabsiisuu isaa hordofee himannaan adda adda irratti dhiyaachaa tureera.

Yeroo ammaa guutummaatti gabaa gabaa addunyaa keessa akka ba’u dhaabbitichi murteessuu RTn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.