Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi  tajaajila ummanni  argachuu qabu kara iftoominaa fi  hubannoo guutuun akka kennuuf hojjetama jira

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Hoggansi  tajaajila ummanni  argachuu qabu kara iftoominaa fi  hubannoo guutuun akka kennuuf xiyyeefannan hojjatamaa jira jedhe waajirri paartii Badhaadhinaa Oromiyaa.

 

Itti gaafatamaan waajjiraa paartii Badhaadhinaa Oromiyaa  obboo Fiqaadu Tasammaa midiyaaleef ibsa kennaniin, hoggansi hubannoo gahaa argatee jijjirama  sadarkaa naannootis tahee biyyatti mul’achuu eegalee milkeessuu fi itti fufisiisuuf akka of qophesuuf hoggansa sadarkaa giddugaleessaa Paartii Badhaadhina  Oromiyaa kuma 10 tahaniif Leenjiin magaloota  Baatuu, Adaama, Sandaafaa fi  Jimmatti  kennamaaf jira jedhan.

 

Leenijichaan  tarsimoowwaani fi  faalasaama siyaasaa  paartii Badhaadhinaa keessatti akeekaman gama  siyaasaan, diinagdee fi hawaasummaatin qixaan ummatni  irra akka fayyadamuuf  hojirra oolchuuf, leenjiichi hubannoo walfakkaata uumuuf gahee olaana qaba jedhan obboo Fiqaaduun.

 

Gama birootin walitti makamuu paartilee  ADWUI  sadanii fi  deegartoota turan shananiin,  ergaa paartii Badhaadhinaa hundaa’ee as  leenjiin akkas isa dura tahuusaattin bal’inaan irratti mar’achuun hubannoo walfakkaata uumuufis jedhan.

 

Leenjiin hoggansaa giddugaleessaa hoggansa aanaalee, godinaalee fi magalootaa hirmaachise kun guyyoota 15 kan turu yoo tahuu, itti aansuun sadarkaa gandaattis hoggansa jiruun leenjichi ni kennamaa jedhan itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obboo Fiqaaduu Tasammaan.

 

Tibbana kanas godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti deegarsaa mallaqaa fi hiriraan  tumsaa hawaasni paartii Badhaadhinaaf taasisaa ture paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ni galateefatas jedhan obboo Fiqaaduun.

 

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.