Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni naannichaa tokkummaan bu’aa fiduuf kutannoon hojjechuu qabu-Obbo Umad Ujuluu

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Hoggantoonni Naannoo Gaambeellaa tokkummaa raawwii fi ilaalchaa uumuun damee hundaan bu’aa barbaadamu fiduuf kutannoon hojjechuu akka qaban Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umad Ujuluun hubachiisan.

Kallatti fuulduree siyaasaa fi nageenyaa naannichaa irratti hoggantoota giddugaleessaa waliin Magaalaa Gaambeellaatti mari’ateera.

Maricharratti, Obbo Umod Ujuluu dabalatee qondaaltonni fi naannichaa argamaniiru.

Milkaa’inaalee akka biyyatti argamanii fi ciminootaa galmaa’an babal’isuun kallattii fuulduree kaa’uuf waltajjichi kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Naannichatti nageenya hawaasa, tokkummaa fi waliin jireenyaa jiru daran cimsuuf imala badhaadhinaa eegale dhugoomsuu fi lammiileen hunduu hojjechuu akka qaban hubachiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.