Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon naannichaa haala yeroo biyyaalessaarratti mari’achaa jiru

Finfinnee, Amajjii 7, 2015 (FBC) – Hoggantoonni olaanoofi giddugaleessaa naannoo Sidaamaa haala yeroo naannoofi biyyaalessaarratti mari’achaa jiraachuu ibsame.

Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoofi Pireezidaantiin naannichaa obbo Dastaa Leeddaamoon yaada marii dhiyeessuu eerameera.

Marichaan kallattiin fayyadamummaa uummataa, tokkummaa biyyaalessaafi obbulummaa cimsuun itti fufsiisuu dandeessu ni kaa’aman kan eegamu ta’uu ragaan waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hirmaattonni marichaa jijjiiramni biyyaalessaafi mariin nageenyaa waaraa akka ta’uuf gahee isaanii kan ba’atan ta’uu mirkaneessuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.