Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Ministeera Barnootaa fi Abbaan Alangaa Waliigala raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Sadaasa 14,2013 (FBC)- HoggantoonnIi fi hojjettoonni Ministeera Barnootaa fi Abbaan Alangaa Waliigala raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Abbaa Alangaa Waliigala FDRI mata duree “Dhiiga koo miseensota raayyaa ittisaa olaantummaa seeraa kabachisuuf lubbuu isaanii kennaniif” jedhuun raayyaa ittisa biyyaaf dhiigaa arjoomuu fi deeggarsa Birrii miiliyoonaa 3 taasisaniiru.

Sirnocharratti kan argaman Abbaa Alangaa Waliigalatti itti aanaa damee bulchiinsa obbo Admaasuu Aangoo, tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuuf mootummaan fudhachaa jiru bu’ura sirna demokiraasii amansiisaa taasisuu fi nageenya biyyattii mirkaneessuu waan ta’eef yoomiyyuu kan deeggaramudha jedhaniiru.

Duulli trakaanfii naannoo Tigraayitti fudhatama jiru olaantummaa seeraa kabachiisuu fi hundi seeraa gadi akka ta’e mirkaneessuufi jedhaan.

Haaluma wal fakkatuun hoggantoonnii fi hojjettoonni Ministeera Barnoota mata duree ‘kabaja raayyaa ittisa biyyaaf nan dhaabbadhaa’ jedhun guyyaa har’a dhiiga arjoomaniiru.

Ministir deettaan Ministeera Barnootaa Dooktar Garramuu Hulluqaa, arjoommi dhiiga raayyaan ittisa biyyaa nageenya biyyaa mirkaneessuuf bobba’aan cina dhaabbachuufi jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.