Fana: At a Speed of Life!

Hojii daldalaa mijataa fi si’ataa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Hojii daldalaa mijataa fi si’ataa taasisuu kan dandeessisu tajaajilli elektirooniiksii daldala Poortaalii biyyaalessaa ifoomera.

Tajaajilli kun lammiileen intarneetii fayyadamuun tajaajila eeyyama ijaarsaa, hojii daldalaa, adeemsa kenniinsa eeyyama daldalaa fi odeeffaannoo onlaayiniin tajaajila fooddaa tokkoo akka argataniif kan qophaa’edha jedhame.

Tajaajilli elektirooniksii daldalaa Poortaalii biyyaalessaa kun Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun kan qopheesse akka ta’e ibsameera.

Tajaajjilli kun hojii daldalaa ammayyeessuu fi si’ataa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta’e taasisuuf ajandaa mootummaan qabate keessa isa tokko ta’uu Ministir deettaan Ministeera Innooveeshinii fi teeknooloojii Dooktar Ahimaddiin Muhammad ibsaniiru.

Hojimaatichi sirna daldalaa sadarkaa addunyaatti dorgomaa taasisuurra darbee, baasii, yeroo fi humna qusachuun sosochii invastimantii biyyattii ammayyeessuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhameera.

Imala biyyattiin gara odeeffaannoo diijiitaalaatti gochaa jirtus ni milkeessa jedhan.

Poortaaliin Biiznasii kun gama koodii QR fi marsariitii (www.eservices.gov.et/business/hom) afaan Amaariffaa fi Ingiliffaan kan qophaa’e yoo ta’u, yeroo itti aanu afaanoota biyyattii biroon eegaluuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii FDRI irraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.