Fana: At a Speed of Life!

Hojiin daandii qilleensa Ityoophiyaa gariin gara dhunfaatti jijjiiruuf eegalame adda citeera-Ministeera Maallaqaa

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Hojiin daandii qilleensa Ityoophiyaa gariin gara dhunfaatti jijjiiruuf eegalame adda cituu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee beeksisan.

Ministeerichi bara baajatichaatti raawwii baatii 3 irratti har’a ibsa laateera.

Naannoo Tigraayitti dhaabbilee tajaajila laataan lammiilee magaalotaatti argamaniif deeggarsa taasisuuf tattiifi taasisa jiraachuu ibsaniiru.

Hooggantoota hojii mootummaaf manneen jireenyaa naannoo imbaasiitti argaman caalbaasiin gurguruun hanga Birrii biiliyoona 1tti argachuuf karoorsuu ibsameera.

Bara baajata 2013 kurmaana jalqabaatti galii Birrii biiliyoona 80.8 walitti qabu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.