Fana: At a Speed of Life!

Hojiin ilaalcha diinummaa ummatarraa adda baasuu cimee itti ifufaa-Obbo Abirahaam Allaanyi

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Hojiin ilaalcha diinummaa, ummatarraa adda baasuu cimee itti fufaa jechuun Ministirri Ittigaaftamaa Damee Ijaarsaa Siyaasaa fi Warraaqasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Abirahaam Allaanyi ibsan.

Obbo Abirahaam rakkolee bulchiinsa gaarii furuuf tajaajilamtoonni guyyaa hoggantoota argatan mijeessuun rakkolee hawaasaa dhaggeeffachuuf haala mijataa kan uumuudha jedhan.

Walta’iinsa naannolee gidduu jirus miira obbolummaan rakkoolee mul’atan salphaatti hiikuuf dandeessisa jedhaniiru.

Gama hannaa fi hojmaataa badaarratti qabsaa’uutiin, koreen qindessitoota haqaa fi dhaabbilee waldubbisuun tokkummaan hojjechuun, gaaffilee haqaa ka’an qabataman furuuf murteessa ta’uu kaasaniiru.

Imala badhaadhinaa biyyaattiif gufuu kan ta’an Shanee fi ABUT akkasumas gareewwan seeraan alaa hidhatanii naannawaa garagaraatti socho’an biroo irraatti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufuu eeranii, carraa sochii diinaaf mijataan akka hinjiraanne hojiin hubannoo uumuu walitti fufiinsaan hojjetamuu itti fufuu akka qabus kaasaniru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.