Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni kumni 617 ol HIV qabu-Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Sadaasa 21, 2015 (FBC)-Tilmaama bara 2013/14 jiruun Ityoophiyaatti namoonni kumni 617 ol HIV’n dhiigasaanii keessa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa guyyaa HIV/Eedsii Addunyaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin guyyaan HIV/Eedsii Addunyaa barana mata duree “Tajaajila Haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa HIV/Eedsii” jedhuun guyyaa borii sadarkaa addunyaatti yeroo 35ffaaf, Ityoophiyaatti ammoo yeroo 34ffaaf kabajama.

HIV’n mudachuun erga beekamee addunyaarraa lubbuun namoota miiliyoona 40 darbuu fi namoonni miiliyoona 38.4 HIV’n dhiigasaanii keessatti akka argamu ibsaniiru.

Ityoophiyaattis tilmaama bara 2013/14 jiruun namoonni kumni 617 ol HIV’n dhiigasaanii keessa jiraachuu himaniiru.

Ityoophiyaatti tatamsa’inni HIV hir’atus, yeroo ammaa hawaasa biratti dagannaa fi maal na dhibdeen akka mul’atu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.