Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni miiliyoonni 1 ol tajaajila yaala dhibee Busaa argatan

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Oromiyaatti namoonni miiliyoonni 1 ol tajaajila yaala dhibee Busaa argachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Sagantaan cufiinsa Duula hojii dhabamsiisa dhibee Busaa Oromiyaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffameera.
Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrektarri Ittisa Dhibee Obbo Darajjee Addunyaa Oromiyaatti namoonni miiliyoonni 1.4 yaala dhibee busaa argachuu himaniiru.
Namoota miiliyoona 3.8’f qorannoon taasifamuu kaasaniiru. jedhame.
Magaalaa Shaashamanneetti Qorannoo Dhibee Busaa taasiifameen dhibichi namoota kuma 22 fi 414 irratti argamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa magaalaa magaalichaa Obbo Sulxaan Huseen himaniiru.
Akka Oromiyaatti Dhibee Busaa Ittisuu Agoobarri miiliyoonni 7.1 raabsamuu fi aanaalee 42 keessatti biifaan keemikaalaa taasiifamuu himameera.
Jibriil Huseentu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.