Fana: At a Speed of Life!

Hundi Keenyaa waltaanee yoo hojjenne gaarri hiyyummaa ce’uu hindandeenye hinjiru-Pir. Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Hundi Keenyaa waltaanee yoo hojjenne gaarri hiyyummaa ce’uu hindandeenye hinjiru jedhan Pireezidantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.

Pireezidaanti Saahilawarqi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Marsaa 2ffaan Naannawa haroo Hawaasatti biqiltuu dhaabuun eegalchiisaniiru.

Saganticharratti Biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuun itti gaafatamaa lammiilee hundaa ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa gama isaaniin, erga biqiltuu dhaabuun eegalamee as bishaan lafa jalaa fi uwwisni bishaanii akka biyyatti deebi’aa jiraachuu ibsan.

Biqiltuuwwan qonnaa walmakaa %60 ta’an kan dhaabaman yoo ta’u, biqiltuuwwan miidhaginaa fi nyaata beeyladaaf oolaan akka dhaabamanis himaniru.

Pireezidaantiin Naannoo Sidamaa Obbo Dastaa Leeddamoo gama isaaniin, biqiltuu dhaabuun yoo kunuunsine qabeenyi bishaanii fooyya’aa akka ta’u himaniiru.

Waggoottan darban naannichatti biqiltuuwwan miiliyoona 800 kan dhaabaman yoo ta’u, bara kanas boqonnaa 2ffaatiin mata duree “Naannawaa qarqara bishaanii haa uwwisnu” jedhuun biqiltuuwwan miiliyoona 316 dhaabuuf hojiitti seenuu dubbataniiru.
Xilaahuun Yilmaa fi Jamaal kadirootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.