Fana: At a Speed of Life!

Huwaaween yaa’ii bulchiinsa intarneetii idil addunyaa Ityoophiyaan qopheessitu kan deeggaru ta’uu beeksise

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Huwaawee Teeknooloojii Giruup yaa’ii bulchiinsa intarneetii idil addunyaa Ityoophiyaan qopheessitu kan deeggaru ta’uu beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin Ittaanaa hojii raawwachiisaa dhaabbatichaa Chaarlas Diing waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Yaa’ii bulchiinsa intarneetii idil addunyaa Ityoophiyaan bara dhufu qopheessitu dhaabbati Huwaawee Teeknooloojii Giruup mallaqaa fi ogummaan kan deeggaru ta’uu Chaarlas Diing ibsaniiru.

Dhaabbatichi gama teeknooloojii odeeffannoon mootummaa fi damee dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechuu kan barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin gamasaaniin dhaabbatichi Ityoophiyaa deeggaruuf waadaa taasiseef galateeffataniiru.

Hojjettoota Huwaawee addunyaarra jiran keessaa Ityoophiyaanonni muraasa ta’uu kaasuun dhaabbatichi Ityoophiyaanota hirmaachisuurratti xiyyeeffatee akka hojjetu gaafataniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.