Fana: At a Speed of Life!

Ibsa mootummaan Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaa irratti kenne

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Mootummaan Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaa irratti ibsa kenne.

Ministeerri Dimmaa Alaa FDRI fi Ministeerri Bishaan, jallisii fi Iinarjii FDRI Ministirri maallaqaa Ameerikaa Gurrandhala 21, 2012 (bara faranoota February 28, 2020)  hidha haaromsaa Ityoophiyaa ilaalchisuun walga’ii marii Ityoophiyaa hin hirmaannee waliin qabatee ibsa Preesiin baase komii olaanaan ilaaleera.

Abbaan hidhichaa Ityoophiyaan bu’uura waliigalteen guutinsi hidhichaa fi ijaarsa hidhichaa waliin wal qixa haqummaanii fi miidhaa tokko otuu hin qaqqabsiisiin akka gaggeeffamu ibsameera.

Ityoophiyaa waliigaltee dambii fi qajeelfama guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii qopheessu xumuramee jechuun ibsa laatame hin fudhatu jedheera.

Waashingitaan Diisiin ‘’wixineen” Riipabiliika Arabaawii Gibtsiif mallatta’eera jedhamu bu’aa marii garee teekniikaa fi seeraa biyyoota sadeenii miti jedhe.

Waliigalteen marii dhimmoota teeknikaa fi seeraa hin xumuramnes jechuun himeera.

Ityoophiyaan dambii fi qajeelfama guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii kan qopheessu biyyoota sadeen qofa ta’uu akka qabu beeksifteetti.

Dambii fi qajeelfama guutinsaa fi lakkisa bishaanii hidha haaromsaa Ityoophiyaa guddicha qopheessuf garagarummaa hafe hiikuun adeemsi Ityophiyaa, Sudaanii fi Gibts eegalan itti fufsiisuf fedhii qabdi.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.