Fana: At a Speed of Life!

Ibsi Paatirayaarik Abunee Maatiyaas laataan Qulqulluu Siinoodoosii bakka kan hin beene ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Ibsi Paatirayaarik Abunee Maatiyaas laataan murtoo Qulqulluu Siinoodoos kan hin taane ta’uu Manni Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa beeksiise.
Paatirayaarik Abunee Maatiyaas itti waamamni isaanii Qulqulluu Siinoodoosiif ta’uu kan eere manni amantichaa, ibsi tibbana laatan murtoo Siinoodoosii osoo hin taane ejjennoo dhuunfaa isaanii ta’uu barreessaan Siinoodoosii fi Phaaphaasiin Kutaa Sidaamaa fi Geedee’oo Abunee Yooseef beeksiisaniiru.
Ibsi Paatirayaarikichaa hojmaata Siinoodoosii kan hin hordofnee fi beekksamtii Siinoodoosii ala ta’uu Abunee Yooseef ibsaniiru.
Siinoodoosii fi Koreen dhaabbii Siinoodoosii osoo hin murteessiin Paatirayaarik Abunee Maatiyaas mana Amantichaa fi qulqulluu Siinoodoosii bakka bu’uun ibsa laachuu akka hin dandeenye Abunee Yooseef ibsa laataniin himaniiru.
Kana dura ibsi kan laatamu Yaa’ii fi koree dhaabbii Siinoodoosiin beekkamtiin yoo laatame qofa ta’uu eeraniiru.
Yeroo itti aanu qulqulluu Siinoodoosiin yaa’ii gaggeessuun dhimmicharratti kan mari’atu ta’uu beeksiisaniiru.
Dureettii Tolasaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.