Fana: At a Speed of Life!

Iddoolee Warqeen ba’uutti damee Baankii Daldalaa banuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Daldala Oomisha Warqee saaphana seeraatti fiduuf hojiileen sirreeffamaa hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi hoggantoonni olaanoon Naannoo Kibbaa, Sidaamaa, Gaambeellaa fi Beenishaanguul Guumuzitti daawwannaa taasiisuun Preezdaantoota naannolee waliin mari’ataniiru.

Oomisha Warqee haala guddisuun danda’amurratti mari’achuun iddoolee daldalli Warqee gaggeeffamutti damee Baankii Daldalaa hundeessuuf waliigalteerra ga’ameera.

Preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Abbee Saannoon daldala Warqee gaggeessuuf dameen Baankii Daldalaa kan banamu ta’uu dubbataniiru.

Seera alummaa walbittaa daldala Warqeerratti muul’atuu hambisuuf daandiin kan mijatu ta’uu dubbataniiru.

Namoota Warqee seeran Ala daddabarsanirratti hordoffii cimaan kan taasiifamu ta’uu himameera.

Dhimmoota nageenyaarratti tarkaanfiin ariifachiisaa ta’e akka fudhatamu kallattiin kaa’amuu ragaan Ministeera Albuudaa fi Boba’aarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.