Fana: At a Speed of Life!

IGAD lammiilee hongeen midhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4 ol taasise

Finfinnee, Bitootessa 16, 2015(FBC)- Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) hawaasa godinaalee Oromiyaa garaagaraatti hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4.2 olii taasiseera.

Deeggarsicha Barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatti kennaniiru.

Ityoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaatti hawaasa hongeen miidhame dandamachiisuuf birmannaa lubbuu baraaruu taasifamu dabalataan rakkinicha waaraan furuuf IGAD qorannoowwan garagaraa taasisaa jiraachuu Dooktar Warqinaan eeraniiru.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, deeggarsa taasifameef galateeffachuun Oromiyaatti namootni miiliyoonni 4.3 deeggarsa kan barbaadan ta’uu himaniiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.