Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii buufata Xiyyaaraa Hawaasaa Bishaan Gurraacha xumurame

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC)- Ijaarsi daandii buufata Xiyyaaraa Hawaasaa hanga Bishaan Gurraachatti ijaaramaa ture xumurameera.

Daandiichi dheeriina kiiloo meetira 3.5 kan qabuu fi wayita amma ijaarsi isaa xumuramee tajaajila geejjiba laachaa jira.

Proojektin daandii kun ka’umsa isaaa buufata xiyyaaraa Hawaasa  kan taasisuu ta’uusaan fayyadamtoota geejjiba qilleensa naannoo Sidaamaa fi Kibbaa biroof haala mijaata akka uumuu ibsameera.

Dabalatanis yaa’insa tuurizimii Haroo Hawaasaa fi naannichaa dabaluuf shooraa olaanaa qaba.

Haricha keessaatti kan argamaan Qurxumiiwwan yeroo gabaaba keesaatti gabaaf dhiyeessu haala mijataa ni uumaa jedhameera.

Ijaarsi daandii Buufata Xiyyaaraa Hawaasaa Bishaan Gurraachaa kutaawwan lama kan qabu yoo ta’uu, inni jalqabaa kiiloo meetira 14 Bishaan Gurraacharra ka’uun gara buufata xiyyaarichaatti kan geessuu yoo ta’u, inni 2ffaan ammoo daandii kiiloo meetira 21 Magaalaa Hawaasaarra ka’uun kan buufata xiyyaara geessuudha.

Ijaarsi daandichaa baasii Birrii miiliyoona dhibba 5 miiliyoona 92 oliin ijaarramuun Mootummaa Ityoophiyaatin uwwifameera.

Tigist Silashiitu gabaase

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.