Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa mirga bilisummaa misoomaa Ityoophiyaati-Dr Injinaar Silashii

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC)- Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa mirga bilisummaa misoomaa Ityoophiyaa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Dooktar Injinaar Silashiin ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa mirga bilisummaa misoomaa Ityoophiyaa ta’uusaan Ityoophiyaanoonni hundi tokkummaa fi waliigaltee fi waloon dhaabbachuun xumuraan ga’uu akka qaban himaniiru.

Kaanaadaatti Imbaasii Ityoophiyaa tumsaa marii hidha haaromsaa guddichaa Kaanaadaa waliin viidiyoo konfiraansiin gaggeeffameera.

Dooktar Injinaar Silashiin marichaarratti haasaa taasisaniin Ityoophiyaanoonni hundi tokkummaa fi waliigalteen waloon dhaabbbachuun ijaarsa hidhachaa xumuraan qaqqabsiisuu qabu jedhaniiru.

Akkasumaas diyaaspooraan ambaasaaddara hidhicha ta’uusaan fayyadamuumma haqa qabeessa fi mirga biyyaa isaa beeksisuun akka hirmaatuu waamicha dhiyeessaniiru.

Bitti boondii biyya keessaatti taasufamuuf diyaaspooraan bifa mijataa ta’een akka bituuf Hogganaan Baankii Misoomaa Ityoophiyaa obbo Lammaa Waaqaayyoo ibsa taasisaniiru.

Kaanaadaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Naasisee Caalii gama isaaniitin, Adwaa dhaloota amma kan ta’ee ijaarsi hidha haaromsaa guddichi jiruu fi jireenyaa lammiilee Ityoophiyaa kan jijjiiruu ta’uusaatiin hundi hirmaannaa taasisee xumursiisuu qaba jechuusaanii ragaan Kaanaadaatti Imbaasii Ityoophiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.