Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiivii misoomaa lukkuu milkeessuuf ciminan hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti karoora cuucii miliyoona 70 misoomsuuf qabame milkeessuuf, abbootiin qabeenyaafi qooda fudhattoonni ciminaan hojjechuu akka qaban biiron qonnaa Oromiyaa Hubachiise.

Hogganaan Biirichoo Obboo geetuu gammachuun abbootii qabeenyaa fi qooda fudhattoota misooma lukkuu waliin mari’ataniiru.

Maricharratti, hojimaanni misooma lukkuu galma barbaadamu bira geessisuu danda’u hojiirra oolchuu, fedhii itti fayyadama oomishaalee lukkuurratti hubannoo uumuu, tekinooloojii oomishaalee lukkuuf barbaachisan dhiheessuu, galteewwan misooma lukkuuf barbaachisanirratti hojjechuu, dhaabbileen misooma lukkuurratti bobba’an hojiilee isaanii godinaalee Oromiyaa biroottis babal’isuu akka qaban akeekameera.

Kana malees, deeggersi ogummaa itti fufiinsaan kennamuu akka qabuu fi omishtoonni lukkuu fi bu’aalee lukkuu qindoominaan hojjechuun gabaa tasgabbaa’aa fi fayyadamummaa jiru haala mikaneessuun danda’amurratti mari’atamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Karoora maaddii Guutuutiin akka Oromiyaatti cuuciiwwan lukkuu miliyoona 70 misoomsuuf qabame milkeessuuf abbootiin qabeenyaa fi qooda fudhattoonni hojii misooma lukkuu fi dhiheessii galteewwan lukkuurratti bobba’an ciminaan hojjechuu akka qaban Obbo Geetuun dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.