Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa Eenyummaa Waloo Itoophiyaanotaa Bu’uura Cimaa Irratti Kan Ijaaredha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)-Injifannoon Adwaa Eenyummaa Waloo Itoophiyaanotaa Bu’uura Cimaa Irratti Kan Ijaaredha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Kabaja guyyaa Injifannoo Adwaa 128ffaa sababeeffachuun ergaa dabarsaaniin, Faashistoonni meeshaa waraanaa jabanaa akka ibiddaa waaqaa fi lafarraa roobu hidhatanis onneefi gootummaa Itoophiyaanotaa injifachuu hindandeenye jedhaniiru.

Guutuun ibsa isaanii akka ittaanutti dhyaateera.

Seenaan kan dhugaa ba’u, addunyaanis kan beekuufi Afrikaanonni guutuunis faajjii godhannee kan ittiin dhaadannu, eenyummaa keenya dhugaas kan ittiin himannu Adwaa dirree Gurraachonni warra Adii itti injifatanidha.

Adwaan eenyummaa dhugaa Itoophiyaafi Itoophiyummaati.

Ashaaraa gootummaa xiinsammuu keenya keessatti caafame, dhaqna keenya irratti qalama dhiiga abboota keenyaafi qubeessaa caba lafee gootota keenyaatiin kan bocame eenyummaa waloo dulloomuu hin dandeenye faajjii dhalootaa dhalootatti ce’ee jiraatudha.

Eenyummaan dhiigaafi lafeen ijaarame, birmadummaan gootummaan tikfame sun akka salphaatti kan galmaa’e miti.

Qormaatota rog-daneessa keessaafi alaa akka abiddaa saafaa boba’u kan dhaamse, injifannoo guddicha madaala garaa garummaa gurraachaafi adii jijjiire kan nu dhaalchise, humna sabdaneessummaa obbolummaa irratti ijaaramedha.

Waggoota 128 dura ture warri Adiin Gurraachota Afrikaa gabroomsanii qabeenya uumaan Afrikaanota badhaases qircachuuf sagalee tokkoon kan waliigalan.

Waliigalteen warra Lixaa Afrikaa gabroomsuu yaadaan caaseffameefi waraqaa irratti qalamaan katabame gochatti wayita jijjiiramu garuu dubbiin akka yaadan osoo hin taane faashistii Xaaliyaanii gabroomsaaf dhufe Itoophiyaanonni akka kanniisa gaagura keessaa dhangala’eetti itti timmisuun waaroo salphinaa itti uwwisanii ofirra deebisan.

Labsiin diina dura dhaabbachuu akkuma labsameen gootonni Itoophiyaa Kaabaa hanga Kibbaa, Bahaa hanga Dhihaatti garaa garummaa eenyummaa, afaaniifi amantaa akkasumas komee sirna bulchiinsaa irraa qabaniin osoo hin daangeffamiin wareegama qaalii kaffaluuf kan manaa baase jaalalaafi kabaja biyyaati.

Faashistoonni meeshaa waraanaa jabanaa akka abiddaa waaqaafi lafarraa roobu hidhatanis onneefi gootummaa Itoophiyaanotaa injifachuu hin dandeenye.

Dawoo cimaa ijaarratee baandaawwan bu’aa dhuunfaan biyya jijjiiran qindeessus tooftaa qondaaltota waraanaa Itoophiyaa jalaa miliquufi tokkummaa onnee jabaafi gootummaan ijaarame damdamachuu dadhabuun akka deebi’ee hin kaanetti burkutaa’e.

Saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa gootota isaaniin qindeeffamanii, Eeboofi Gaachana hidhatanii Fardaafi lafoon hiriiruun diina dura dhaabbatan gootota gaafa xiiqii kabaajaafi ulfina biyyaa ol qaban yeroo hundumaa Adwaa waliin yaadatamaafi leellifamaa jiraatu.

Oromummaanis ta’e Itoophiyummaan gootummaa keenya yeroo hundaa jabina keenya ittiin dhaadannudha.

Kabajamaa uummata Oromoofi lammiileen Itoophiyaa biyya keessaaf biyya alaa jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.

Injifannoon Adwaa qaama seenaa taatee yeroo tokko ta’ee darbe qofaatti kan ilaalamu osoo hin taane, sanaa olitti hiikoo guddaa kan nuuf qabudha.

Seenaa waloo qabeenya dhaabbataa dhaallee dhaalchifnu hunda keenyaaf kan ijaare, hariiroo obbolummaa keenya cimsee walitti hidheefi tokkummaa biyyaalessummaa keenyatti kabajaaf ulfina horedha.

Yeroo Adwaan yaadatamu kan hunda dursa hubannu garaa garummaarra tokkummaa, jibbarra jaalalli, diigamuurra ijaaramuun mo’ataa ta’uu isaati.

Oromoon Itoophiyaa ijaaree kabajaafi ulfina itti horuuf wareegama qaalii akkuma kaffale, har’as gootummaa isaa kaleessaa itti fufsiisuun gootota Itoophiyaa biroo wajjin ta’ee adda durummaan biyya hundaaf taatu, hundaarraa hundaaf ijaaraa jira.

Har’a aggaammii keessaa fi alaa kamiyyuu qolachuu dandeenya.

Keessumattuu, qormaanni keenya hamaan finxaalessummaafi hiyyummaa ta’us, kanneen lamaan isaaniiyyuu injifannee akka darbinu shakkii hin qabu.

Meeshaa waraanaatiin qofa osoo hin taane duudhaa mariifi ejjennoo cimaa hojii misoomaa irratti jalqabne cimsineefi humna sabdaneessummaa ijaaraa jirrus fayyadamnee injifachuu akka dandeenyus ni beekna.

Imalli badhaadhinaa eegalle amansiisaadha; waanjoo hiyyummaafi duubatti hafummaa burkuteessinee akkuma abboota keenyaa injifannoo galmeessinee birmadummaa keenya guutuu ni taasifna.

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara.

Shimallis Abdiisaa

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.