Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Atileetotaa duudhaa ijifannoo Ityoophiyaa dhalootaaf darbu ta’uu mul’isa- TKM

Finfinnee, Hagayya 7,2014 (FBC)- Injifannoo boonsaan Atileetota Ityoophiyaa duudhaa ijifannoo Ityoophiyaa dhalootaaf darbu ta’uu kan mul’isu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi injifannoo boonsaa atileetonni Ityoophiyaa umrii 20 gadii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Kolombiyaa Kaalitti gaggeeffamee irratti galmeessisan hordofee ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Injifannochi duudhaa injifannoo Ityoophiyaa dhalootaaf darbu ta’uusaaf agarsiistuu ta’uu isaa ibseera.

Shaampiyoonaa kanaan atileetonni Ityoophiyaa sa’aatii tokko keessatti meedaaliyaa 5 argamsiisuun addunyaa raajeffachiisuu fi dorgommichaan meedaaliyaa warqee 6, meetii 5 fi nahaasa 1 argamsiisuu eereera.

Ityoophiyaan kanaan dura dorgommiiwwan hanganatti ittiin hin beekamne fiigicha meetira 800 fi 1500 meedaaliyaa warqee argamsiisuun dandeettii atileetiksii biyyattiin qabdu kan mul’isu ta’uu ibseera.

Injifannoo atileetonni dargaggoonni biyyattii galmeessisan Ityoophiyaan biyya injifattootaa ta’uu addunyaatti kan mul’ise ta’uu kaaseera.

Ityoophiyaan qormaatilee keessattis milkaa’ina kan galmeessistu ta’uu atileetonni biyyattii addunyaatti argisiisuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.