Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan hojiilee misooma qonnaa magaalaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Itti aanaan kaantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan hojiilee misooma qonnaa magaalaa Finfinnee daawwatan.

Bulchiinsi magaalichaa misooma qonna magaalaa bifa haaraan gurmeessuun jiraattotaaf carraa hojii dabalataa uumuurratti argama jedhame.

Magaalichatti qonna magaalaa kanneen akka oomisha kuduraa, horsiisa kanniisaa fi looniirratti dargaggoonnii fi haadholiin kumni 2 ol fayyadamoo ta’aa jiraachuun himameera.

Qaamoleen misooma qonna magaalaarratti bobba’anii argaman kunneen ofirra darbanii oomisha isaanii gabaaf dhiyeessaa jiru jedhame.

Bulchinsi magaalichaa namoota qonna magaalaarratti boba’anii hojjechaa jiran jajjabeessuu cinaatti dargaggoonni biroo gurmaa’anii damicharraa galii akka argataniif deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu Injiinar Taakkalaan waayita kana dubbataniiru.

Rakkoolee damichaan jiran furuun qonna magaalaa bifa ammayyaatin gurmeessuun galma misooma magariisummaa qabame milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Kaantiibaa magaalichaarra argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.