Fana: At a Speed of Life!

Iraanitti dhohiinsa Boombii mudateen lubbuun namoota 73 darbe

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Namoota Yaadannoo waggaa 4ffaa du’a Jeneraal Qaasim Suleeyimaanii kabajaa turanirratti dhoohinsa Boombii mudateen lubbuun namoota 73 darbuu Miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Dhoonsichi Kibba Iraan Magaalaa Kaarmaan dhiyeenya Masjiida Saaheeb Al Zaamaan jedhamutti mudachuu ibsameera.

Dhoohinsa Boombii mudate kanaan lubbuun namoota 73 darbuu fi namoota 60 irra ammoo miidhaan qaamaa qaaqqabuu eerameera.

Dhoonsi raawwate haleellaa Shororkeessummaa ta’uu Itti Aanaa Bulchaan Magaalaa Kaarmaan eeraniiru.

Jeneraal Qaasiim Suleeyimaan Bara Faranjootaa 2020 Xiyyaara Nama Maleessa Ameerikaan ajjeeffamuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.