Fana: At a Speed of Life!

Irreechaan walqabatee Jimaata boriirraa eegalee sochiin doqdoqqee dhorkame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Ayyaana Irreechaa Sanbataa dhufu Hora Fininneetti kabajamu sababeeffachuun Jimaata borii ganama sa’aatii 12:00rraa eegalee sochiin doqdoqqee dhorkaa ta’uun eerame.

Eejensiin Maanaajimantii Tiraafikaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibsa baaseen, ayyaana irreechaa Sanbataa Fulbaana 21, 2015 Hora Finfinneetti kabajamuuf, qophiin taasifamaa jiraachuu eereera.

Ulaawwan seensaa magaalatti hundaattis hirmaattonni ayyaanichaa waan simatamaniif nageenya waloof jecha ayyaanichi jalqabamee hanga xumuramutti sochiin doqdoqqee kamuu dhorkaa ta’uu beeksiseera.

Haaluma kanaan, boruu Fulbaana 20, 2015 ganama sa’aatii 12:00rraa eegalee hanga Dilbata Fulbaana 22, 2015tti sochiin doqdoqqee kan dhorkame yoo ta’u, daangeffama kaa’ame darbee kan argamerrattis tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ragaan eejensicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.