Fana: At a Speed of Life!

Ispoorteessitoota ciccimoo biyya bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Aadde Adaanachi Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) – Yaa’iin Mana Maree Ispoortii magaalaa Finfinnee 13ffaan gaggeeffameera.

Magaalaa Finfinneetti hanqina dirree Ispoortii hir’isuuf dirreewwan Ispoortii 60 ijaarramuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen ibsaniiru.

Dirreewwan Ispoortii sadarkaa isaanii eegatan dhabamuun guddinna Ispoortii magaalichaarratti gufuu ta’ee turuu Aadde Adaanachi yaa’icharratti argamuun haasawa taasiisaniin ibsaniiru.

Hanga ammaatti iddooleen 60 ijaarsi isaanii xumuramuu Aadde Adaanachi ibsaniiru.

Yeroo itti aanus haala pilaanii magaalichaa eegeen dirreewwan Ispoortii ijaaruuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Ispoortiin maqaa gaarii Ityoophiyaa ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu isaan, Ispoorteessitoota biyya bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jechuu isaanii ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.