Fana: At a Speed of Life!

Israa’el adeemsa mootummaan Ityoophiyaa nageenya waaraa fiduuf itti adeeme kan deeggartu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Israa’el adeemsa mootummaan Ityoophiyaa nageenya waaraa fiduuf itti adeeme kan deeggartu ta’uu beeksisteetti.

Israa’elitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Rattaa Alamuun gorsaa imaammata alaa Preezdaantii  Israa’el Ambaasaaddar Ziivii Viippiinii waliin halaa waqtawaa Ityoophiyaa fi dhimmoota gam-lameerratti mari’ataniiru.

Marichaan Ambaasaaddar Rattaan haala waqtawaa Ityoophiyaa keessumaa gacha garee shororkeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Afaar irratti raawwaterratti ibsa laataniiru.

Yeroo ammaa furmaata siyaasaa fi mariif ulaa banuun waltajjii marii hunda hirmaachise eegaluuf haala mijeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Mariachi hunda haammataa taasisuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ambaasaaddar Ziiviin gamasaaniin, Israa’el akka biyya michuutti nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa kan barbaadduu, ejjennoo mootummaa Ityoophiyaa kan hubatanii fi adeemsa mootummaan Ityoophiyaa nageenya waaraa fiduuf itti adeemaa jiru kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Israa’el Ityoophiyaa karaa barbaachisaa ta’een kan deeggaru ta’uu ibsuu isaanii ragaan Israa’elitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.