Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Keeniyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawaa mirkaneesuurratti mari’ataniiru-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Keeniyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawaa haala mirkaneessuun danda’amurratti mari’achuu Ministrri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsan.

Daawwannaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Keeniyaatti taasisan ilaalhcisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Keeniyaan walta’iinsa, michummaa fi tumsa yeroo dheeraa kan qabaniidha jedhan.

Daawwannaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad biyyattiitti taasisaniin dhimmoota walta’iinsa gamlameerratti marii bal’aa taasisaniiru jedhan.

Marii isaaniin Mana Maree Ministirootaa Itiyoo-Keeniyaa duraan Finfinneetti gaggeeffameen waliigaltee irra ga’ameen biyyoonni lameen waliigalteewan torba mallatteessuu kaasaniiru.

Waliigalteewwan kunneenis dhimmoota hawaasummaa, diinagdee fi nageenyaarratti kan xiyyeeffatan ta’uu eeran.

Akkasumaas waliigalteewwan duraan taasifaman cimsanirratti akka mari’atanis himan.

Dabalataan, nageenyaa biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurrattis mari’achuu kaasaniiru.

Keessumaa garee shororkeessaa Alshabaab waloon haala dhabuun danda’amurratti akkasumas nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun haala danda’amurratti mari’achuu dubbataniiru.

Hariiroon walta’iinsa diinagdees hanga barbaadamu akka hintaane ibsuun, damichaan hariiroo jiru daran cimsuuf akka mari’atan Dooktar Laggasaan ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Keeniyaaf humna elektirikii dhiyeessuuf waliigalteerra ga’amuun sararroonni elektirikii dirrirfamu himaniiru.

Itiyoophiyaan filmaatawwan buufataa doonii ishee bal’isaa jiraachuu kan kaasan Dooktar Laggaasaan, dureewwan biyyoota lameenii walitti hidhamiinsa daandii, nageenyaa diinagdee dijitaalawaa irrattis waloon hojjechuuf mari’ataniiru jedhan.

Hiyyummaa hiri’isuuf hariiroo ummataa fi ummataa biyyoota lameenii cimsuu, ijaarsa dandeettii cimsuu akkasumas hojiilee qorannoo fi qo’annoo waloon hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirrattis mari’achuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.