Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan damee qonnaan milkaa’inni galmeessite kan jajjabeeffamuu fi fakkeenya-Kiiyuu Doongiyuun

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan damee qonnaan milkaa’inni galmeessite kan jajjabeeffamuu fi Afriikaafis ta’e Addunyaaf fakkeenya kan ta’uudha jedhan Daayrektarri Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Kiiyuu Doongiyuun.

Kiiyuu Dongiyuun sirna badhaasa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad meedaaliyaa “Agricola” Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaan kennameef irratti haasawaa taasisaniin, waggoottan darban Dooktar Abiy omishtummaa qonnaa dabaluuf xiyyeeffannaa kennuun hojjechuu kaasan.

Keessumaa omishtummaan qamadii akka guddatuuf tattaaffii taasisanii fi bu’aan argamsiisan kan dinqisiifatamuu fi jajjabeessaa ta’uu eeran.

Rakkoo wabii nyaataa Afrikaaf furmaanni Afrikaa akka jiru ibsuun, kanaan Dooktar Abiy omishtummaa qamadii milkeessuun alatti erguun qabatamaan argisiisaniiru jedhan.

Fuuldurattis Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Itiyoophiyaatti misooma qamadii deeggaruun cimsee akka itti fufu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.