Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo addaa kenniti – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo addaa kan kennitu ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan Gaanfa Afrikaatti ergamtuu Addaa Gamtaa Awurooppaa Aneet Weebar waliin mari’ataniiru.

Hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu Gamtaan Awurooppaa kan tumsu ta’uu Aneet Weebar mirkaneessaniiru.

Hariiroo Ityoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa idileessuuf bu’uurri haaraan kaa’amuu eeraniiru.

Walitti dhufeenya bu’a qabeessa waggoottan muraasa darbanii mootummaa Itiyoophiyaa waliin qaban dinqisiifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.