Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti bulchiinsi godaantootaa bu’aa qabeessa ta’e akka jiraatu deeggarsa barbaachisu ni taasiifama – IOM

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti bulchiinsi godaantootaa bu’aa qabeessa ta’e akka jiraatu deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu Dhaabbanni Godaantoota Idil Addunyaa beeksiise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Aadde Huuriyaa Aliin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamtuu Addaa Dhaabbata Godaantootaa idil addunyaa fi Jeeneevaatti Ambaasaaddara Jarman Kaatiriinaa Istaash waliin mari’ataniiru.

Aadde Huuriyaan Godaansaa deebitoota deebisaanii dhaabuuf hojiilee hojjetamaa jiran ilaalichisee ibsa taasiisaniiru.

Godaansa seeraan alaa ittisuu fi Lammiilee godaansaa deebi’aniif eegumsaa fi deebisaanii ijaaruurratti Itiyoophiyaan hojii jajjabeessaa hojjeetaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbanni Godaantootaa Itiyoophiyaatti bulchiinsi godaantootaa bu’aa qabeessa ta’e akka jiraatu deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu Ambaasaaddar Kaatiriinaa Istaash mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.