Fana: At a Speed of Life!

Ittaantuun barreessituu olaantuu Mirga Namoomaa DhMG boru irraa eegalee Ityoophiyaa ni daawwatu

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Ittaantuun barreessituu olaantuu Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ilzee Biraandis Keeriis guyyaa boruu irraa eegalee Ityoophiyaatti daawwannaa guyyoota sadii kan taasisan ta’uu ibsameera.

Ilzee Biraandis Keeriis sagantaa jalqabsiisa proojektii “African Union Compliance And Accountability Frame work” Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa fi Gamtaan Awurooppaa waloon qopheessan irratti kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Ilzee Biraandis Keeriis caamsaa 9, 2014 irraa eegalee guyyoota sadiif Sudaan Kibbaatti daawwannaa taasisuun isaanii kan yaadatamudha.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.