Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin tumsaan hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Ityoo Teeleekoom fi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaama piroojektii “Finfinnee Smart City” jedhamuuf ijaarsa bu’uuraalee misoomaa raawwachuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo – Teeleekoomii Aadde Fireehiyiwaat Taammiruu fi Hogganaan Biiroo Misooma Innooveeshinii fi Teeknoolojii magaalaa Finfinnee Obbo Salamoon Amaaraan waliigalticha mallatteessaniiru.

Piroojektichi Neetworkii diriirsuun Waajjiraalee fi tajaajila kennitoota magaalattii adda addaa wiirtuu daataa guddicha waliin haala salphaan walqunnamsiisuun Biiroolee iddoolee adda addaa jiran 58, Kutaalee magaalota 11 fi Aanaalee 120 daataan walitti hidhuu ta’uu ibsameera.

Pirojektichi Birrii miiliyoona 280 kan raawwatamu too ta’u, baatiwwan 4 keessatti xumurama jedhame.

Beetaliheem Makaaniintiitu gabaae.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.