Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Telekoom neetwoorkii moobaayilii dhaloota 5ffaa (5G) eebbisiisaa jira

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Ityoo Telekoom neetwoorkii moobaayilii dhaloota 5ffaa (5G) eebbisiisaa jira

Sirna eebbaa kanarratti Hojii Raawwachiiftuu olaantuu Ityoo Telekoom Aadde Fireehiyiwat Taammiruu dabalatee hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni kababajaa argamaniiru.

Dhaabbatichi 5G har’a Hootela Shaaraatan Addisitti eebbisiisuu beeksiseera.

5G’n sadarkaa teeknooloojii addunyaan yeroo ammaarra geesseedha.

5G’n addunyaarraatti gara hojiitti kan seene bara Faranjootaa 2019 yoo ta’u bara Faranjoota 2025ttis lakkoofsi fayyadamtoota teeknooloojichaa biiliyoona 1.7 ni qaqqabaan tilmaamameera.

Yeroo itti aanutti tajaajilichi bakkeewwan biyyattii garaagaraa keessatti ni eegala jedhamee eegama.

Tajaajilli neetwoorkii dhaloota 5ffaa (5G) kan dhaloota 4ffaa waliin yoo madaalamu dacha 20 kan caalu ta’uu ibsameera.

Dureettii Tolasaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.