Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa 4 – 0 Madagaaskar

Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Madaagaaskar waliin gaggeesse 4 fi 0n injifate.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa marsaa 5ffaa har’a Istaadiyeemii Bahaar Daaritti Maadagaaskaarii waliin taphateen goolii 4 fi 0n injifateera.
Amaanu’eel Gabramikaa’eel, Geetaanee Kabbadaa, Abbubakar Naasir fi Shimallisa Kabbadaan Ityoophiyaaf goolii tokko tokko lakkoofsiisaniiru.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa bu’aan tapha Iyivoorii Koostii fi Nijeer hanga beekkamutti qabxii 9 ramaddichaa dursuu eegaleera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.