Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jibuutiin nageenya daangaa fi shororkeessummaa ittisuuf waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsan

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Poolisiin Federaalaa FDRI fi humni poolisii biyyaalessaa Jibuutii nageenya daangaa fi shororkeessummaa ittisuu fi ijaarsa dandeettii fi odeeffannoo waljijjiiruuf waliin hojjechuuf hojiirra oolmaa waliigaltee sanadaa mallatteessanii turaniif kutannoo qabaachuu ibsan.

Dhaabbileen lameen hojiirra oolmaa waliigaltichaaf kutannoo qabaachuu waltajjii marii guyyaa har’aa gaggeeffamee turerratti ibsaniiru.

Erga waliigaltichi mallatteeffameen booda dhaabbileen poolisii lameen odeeffannoo fi yakkamtoota wal jijjiiruun, nageenya sarara geejjibaa Ityoo-Jibuutii eeguunii fi dandeettii hoggantoota poolisii guddisuun imala dheeraa adeemneerra jedhan komishinarri koomishinii poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el.

Dhiibbaa gareen shororkeessaa ABUT fi kanneen biroon qaqqabsiisan biyya tokko qofaarratti akka hin taanee fi nageenya gaanfa Afrikaa dhiibbaa kan qabu ta’uu kaasaniiru.

Daayrektarri humna poolisii biyyaalessaa Jibuutii Koloneel Abdullaahii Abdii Faraahi gamasaaniin, fedhiin dhaabbilee poolisii biyyoota lameenii nageenya mirkaneessuu ta’uu ibsuun hariiroo gaarii eegalle gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf waliigaltee sanadaa mallatteessine gara qaamolee raawwachiistotaatti gadi buusuun hojiirra oolmaasaaf ni carraaqna jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.