Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa lakkoofsa balalii dabaluuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa lakkoofsa balalii dabaluuf waliigalteerra ga’an.

Biyyoota lameen gidduu balalii torba ture gara sagaliitti guddisuuf waliigalteerra ga’uu Ministeerri Geejjibaa, Lafaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Kooriyaa Kibbaa beeksise.

Kunis hariiroo ummataa fi ummataa daran guddisuuf akka tumsu ministeerichi eereera.

Waliigaltee Abbaa Taayitaa Siviil Ayveeshinii Ityoophiyaa waliin taasifameen yeroo ammaa tajaajilarraatti kan argaman balali imaltootaa afurii fi xiyyaarota fe’umsaa sadiitti dabalataan, balaliin imaltootaa lama akka dabalamu ibsaniiru.

Afrikaa keessaa biyyi balalii kallattiin gara Kooriyaa Kibbaatti taasistu Ityoophiyaa qofaa ta’uun himameera.

Maamiltoonni Kooriyaa Kibbaa hedduun Daandii Qilleensaa Ityoophiyaan gara biyyoota Afrikaa birootti imaluuf kan filatan ta’uu Yoonhaappi gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.