Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Somaaliyaan garee Alshabaab waloon dhabamsiisuuf hojiin hojjetan tumsi biyyoota lamaanii cimaa ta’uu argarsiisa – TKM

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Somaaliyaan garee Alshabaab waloon dhabamsiisuuf hojiin hojjetaa jiran hariiroo fi tumsi biyyoota lamaanii cimaa ta’uu kan argarsiisu akka ta’e Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Biyyoonni lamaan garicha waloon dhabamsiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa ejjennoo cimaan hojjechaa jiraachuu isaanii ibseera.

Yaalii gareen Alshabaab karaa naannoo Somaalee loo’aa seenuuf taasiise qolachuuf duulli gaggeeffame haala bu’aa qabeessa ta’een raawwatamaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan ibsa haala yeroo ilaalchiisee laataniin himaniiru.

Yeroo ammaa hidhattoonni garichaa iddoolee riphanii guurramaa jiraachuu kaasaniiru.

Dippiloomaasiin waraanaa gaggeeffames bu’aa gaarii galmeessuu eeraniiru.

Humni mootummaa Federaalaa Somaaliyaas miseensota garichi baqachuun gara sana deebi’aa turan ittisuurratti hojii guddaa hojjechuu himaniiru.

Diina waloo kana dhabamsiisuuf Ityoophiyaa fi Somaaliyaan hojiin tumsaan hojjetan hariiroon biyyoota lamaanii cimaa ta’uu kan mirkaneesseedha jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.