Fana: At a Speed of Life!

“Ityoophiyaan biyya murna tokkoon ijaaramte osoo hin taane biyya aarsaa sabaa fi sablammootaan ijaaramteedha” -0bbo Geetaachoo Baalchaa

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa bifa adda ta’een kabajuuf qophiin xumuramuu isaa beeksise.
Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa kabaja yaadannoo Adwaa waggaa 125ffaa ilaachisee waajjira isaanitti ibsa miidiyaaleef laataniiru.
Ayyaanichi dhalooni ammaa injifannoo Adwaarraa baratee biyya isaa kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuu dandeessisuuf kan kabajamu ta’uu isaa obbo Geetaachoon ibsaniiru.
Kaayyoon isaas dhaloonni kun seenaa injifannoo Adwaarratti argame yaadachiisuudhaan isarraa maal akka eegamu hubachiisuudhaafi.
Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammootaan ijaarramte ta’uu ishee dhaloota kanaaf agarsiisuudhaafi.
Ummanni Oromoo fi Ityoophiyaa qooda qaban dhaloonni beekee akka irraa baratuf akka ta’ees ibsaniiru.
Injifannoon Adwaa tokkummaan sabaafi sablammootaa kan keessatti muul’ate ta’uu isaa akka irraa baratuufi ammallee dhaloonni kun tokko ta’uun biyya isaa diina kamuurraa qolachuuf akka of qopheessuuufi jedhan.
Gamtoomudhaan diina isaa qolachuu akka danda’amu dhaloonni seenaa abbootii keenya irraa barachuun hojiitti akka hiikudha.
Obbo Geetaachoon dhaloonni kun Ityoophiyaan aarsaa lubbuu dhiigaa fi lafee cabeen ijaaramte ta’uu ishee barachuun biyya isaa jaalachuu fi ijaaruu akka qabus dubbataniiru.
Ityoophiyaan biyya murna tokkoon ijaaramte osoo hin taane biyya sabaafi sablammootaan ijaaramte ta’u ishees dhaloonni kun irraa barachuun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.
Bu’uuruma kanaan Naannoo Oromiyaatti sadarkaa Aanaa,Godina,Magaalootaa fi Naannootti sirnoota garaa garaan yaadannoon Injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa kan kabajamu akka ta’es himameera.
Kabajni kunis marii paanaalii gaggeessuun,agarsiisa adda addaa fi agarsiisa Fardeenidhaan dabaaluun bifa adda ta’een kan kabajamu ta’uu isaa obbo Geetaachoon ibsaniiru.
Abbootiin keenyaa Ityoophiyaa diina isaa tokko ta’ee akka qolateetti dhaloonni kuni diinni isaa hiyyummaa ta’uu isaa hubachuun gamtoomee hojjechuun biyya isaa gara badhaadhinaatti ceesisuun dhaloota dhufuuf dabarsuu akka qabus dhaamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.