Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan damee Aviyeeshiniin Chaayinaa, Raashiyaa Hindii fi Xaaliyaanii waliin hojjechuuf waliigalte

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan damee Aviyeeshiniin Chaayinaa, Raashiyaa Hindii fi Xaaliyaanii waliin hojjechuuf kan dandeessisu waliigaltee mallatteessiteeti.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Daagimaawwit Mogos kanaatti kan gaggeeffamaa jiru Yaa’ii Dhabbata Aviyeeshinii Idil Addunyaa 41ffaa cinaatti jiloota biyyoota garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin damee aviyeeshiniin hariiroo biyyoota garaagaraa waliin jiru caalmaan cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu isaanii Aadde Daagimaawwit karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Gareen jilaa kun leenjii aviyeeshinii fi dhimmoota biroorratti waloon hojjechuuf tumsummaa tarsiimawaa hundeessuuf waliigaltee dandeessisan mallatteessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.