Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan jijjiirrama bu’uuraa taasiisaa jirti – Ambaasaaddar Girmaa Tamasgeen

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan jijjiirrama bu’uuraa taasiisaa jiraachuu Turkitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Girmaa Tamasgeen ibsaniiru.
Ambaasaaddar Girmaan turtii Anaadooluu waliin taasiisaniin Ityoophiyaan jijjiirrama bu’uuraa taasiisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi duula olaantummaa seeraa kanachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Haleellaa gareen ABUT Onkololeessaa 24, 2013 Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzi Kaabarratti raawwate hordofee mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuutti seenuuf dirqamuu Ambaasaaddar Girmaan ibsaniiru.
Yeroo ammaatti duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu xumuramuun hojiin bu’uuraalee misoomaa deebisanii misoomsuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Miidiyaaleen haleellaan sabarratti xiyyeeffate raawwatame jechuun odeeffannoon tatamsa’aa jiran soba ta’uu eeraniiru.
Humni badii garee ABUT Maaykaadiraatti lammiilee nagaarratti ajjeechaa jumlaa raawwachuus ibsaniiru.
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii jijjiirramni hedduun biyyattii keessatti muul’achuu himaniiru.
Fayyadamummaa diinagdee ummataa fi ijaarsa sirna demookraasii guddisuuf jijjiirramni bu’uuraa gaggeeffamuu ibsaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii gara sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf hojii hojjetamaa jiru ilaalchisees ibsa taasiisaniiru.
Hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii waggaa 125ffaa kabajuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.