Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Oomisha Qamadii Keeniyaatti erguuf waliigalame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan Oomisha Qamadii Keeniyaatti erguuf hoggantoonni biyyoota lamaanii waliigalan.

Waliigaltichi kan taasiifame guyyaa har’aa wayita Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon daawwannaaf gara Finfinnee dhufan marii Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waliin taasiisanirratti ta’uu ibsameera.

Waliigalteen dhiyeessa Oomisha Qamadii kun daballii gatii oomishaalee nyaataa Keeniyaatti muudate tasgabbeessuuf qooda olaanaa qabaachuu Waajjirri Pireezidaantii Keeniyaa beeksiseera.

Dabalataan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon hariiroo damee diinagdee biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru jedhame.

Hariiroo biyyoota Afrikaa Bahaa sadarkaa fooyya’aatti ceesisuu fi daldala daangaa ce’aa babal’isuuf waliigaluu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii Keeniyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.