Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan rakkoo ishee mudate keessaa ariitiin akka baatuuf deeggarsi diyaaspooraa cimee itti fufuu qaba- Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo ishee mudate keessaa ariitiin akka baatuuf deeggarsi diyaaspooraa cimee itti fufuu akka qabu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin dhimmoota yeroo garaagaraarratti ibsa laataniiru.

Bakka bu’oota dhaabbilee idil addunyaa teessoo isaanii Ityoophiyaa taasifataniif Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin dhimmoota garaagaraarratti ibsa taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsi hin daangofne gara naannoo Tigraay akka ga’uuf mootummaan kotannoo qabaachuu fi gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan humnaan qabate keessaa ba’uu akka qabu gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaaf ibsi taasifamuu eeraniiru.

Dhimma raawwachiistonni Eertiraan Ityoophiyaatti ramadde haala waliigalaa biyyattii kan beekanii fi hariiroo biyyoota lameenii cimsuu kan danda’an ta’uu dubbataniiru.

Qorannoon Yuunvarsiitii Goondar duguuggaa sanyii garee shororkeessaa ABUTn Walqaayititti raawwatame ibsu ilaalchisee qaamni walabaa akka mirkaneeffatuuf affeeramuu kaasaniiru.

Dhaabbilee gargaarsaa qajeeltoowwan hojiimaataa cabsan mootummaan kan hin obsineef ta’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

Wandasan Araggahaanyitu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.