Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Yaa’ii Gamtaa Ajajoota Poolisii Afrikaa Bahaa keessummeessuufi

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) – Yaa’iin Gamtaa Ajajoota Poolisii Afrikaa Bahaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Poolisiin Federaalaa beeksiise.

Yaa’iin 24ffaa Ajajoota poolisii kun Sadaasa 25 -30, 2015 magaalaa Finfinneetti kan taa’amu ta’uu Poolisiin Federaalaa ibsa har’a laateen himeera.

Yaa’ii kanaan Ajajoonni Poolisii Afrikaa Bahaa raawwii hojii waggaa kan gamaaggaman ta’uu Itti Gaafatamaan Qajeelcha Intar Poolii Biyyaaleessa Ityoophiyaan Komaandar Tsaggaayee Hayileen ibsaniiru.

Yaa’ichi biyyoota Afrikaa Bahaatti shororkeessummaa, daddabarsaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa, daddabarsaa baala hadoochituu, hanna beeyladoota fi dhimmoota yakkootaan walqabatan waloon ittisuu fi madaalliin akka jiraatuuf kan tumsu ta’uu ibsa isaaniin eeraniiru.

Yaa’iin gamtichaa naannawicha yakkarraa walaba taasisuuf kan hojjetu ta’uu eerameera.

Biyyoonni Afrikaa Bahaa 14 miseensosa kan ya’aan yaa’iin Gamtaa Ajaajoota Poolisii Afrikaa Bahaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuun Ityoophiyaan nageenya amansiisaa biyya qabduu fi yaa’iiwwan guguddaa addunyaa keessummeessuun filatamtuu ta’uuf argisiiftuudha jedhan.

Fuuldurattis dursummaa Gamtichaa Komishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel akka fuudhaan ibsameera.

Firehiiwoot Saffiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.