Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaa’ii Mana Maree Afrikaa fi Biyyoota Arabaarratti hirmachaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan Yaa’ii Mana Maree Afrikaa fi Biyyoota Arabaa Siwiizarlaanditti gaggeeffamaa jiruurratti hirmachaa jirti.

Jilli Ittaantuu Afyaa’ii Mana Maree Federeshinii Aadde Zahaaraa Humadiin durfamu yaa’ii Mana Maree Afrikaa fi Biyyoota Arabaa Siwiizeerlaand Magaalaa Maanzinitti gaggeeffamaa jiruurratti hirmaataa jiraachuun ibsameera.

Yaa’iicharratti Afyaa’oonni Biyyoota Afrikaa, Arabaa fi Dippiloomaatonni biyyoota garaagaraa hirmaachaa jiraachuu ragaan mana marichaarra argame ni mul’isa.

Yaa’iichaan jeequmsa Addunyarratti mudataa jiran miidhaa biyyoota Afrikaa fi biyyoota Arabaa irratti qaqqabsisuu danda’uirratti kan mari’atamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.