Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 144 Libaanos irraa gara Ityoophiyaatti gaggeeffaman

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Ityoophiyaanonni 144 Libaanos irraa gara Ityoophiyaatti gaggeeffaman.

Ityoophiyaanonni 144 Libaanos irraa gara Ityoophiyaatti gaggeeffamuu Beerutitti waajirri qoontsilaa waliigalaa Ityoophiyaa beeksise.

Lammiileen gara biyya isaanitti deebi’an kunneen jireenya rakkisaa jiraachaa kan turan ta’uu ibsameera.

Kaleessaa Finfinnee kan galan dabalatee guyyaa 2 keessatti lammiileen Ityoophiyaa 276 gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.

Ammas itti fufiinsaan hojiin lammiilee gara biyyaatti deebisuu cimee itti fufa jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.