Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Faransaayii fi Xaaliyaanii jiraatan lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Faransaayii fi Xaaliyaanii jiraatan lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasisaniiru.

Dargaggoonni Magaalaa Roomii fi Waldaan Hawaasa Ityoophiyaa Magaalaa Milaanoo Yuuroo kuma 20 ol walitti qabuun lammiilee Ityoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif akka ooluu Xaaliyaanitti Imbaasii Ityoophiyaatiif kennaniiru.

Imbaasichi deeggarsa taasifameef galateeffachuun, maallaqa, meeshaalee wal’aansaa fi ambulaansota gara Ityoophiyaatti erguu ibseera.

Deeggarsichi gama Ministeera Fayyaatiin lammiilee miidhaamaniif ni qoodama jedhameera.

Ityoophiyaanonni deeggarsa walfakkaataa taasisuu akka itti fufan Imbaasichi waamicha dhiyeesseera.

Bifuma walfakkaatuun, Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Faransaayii fi naannawaa ishee jiraatan lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’anii fi Hospitaala Waliigalaa Kombolchaa sababa waraanaan manca’eef deeggarsa taasisaniiru.

Hospitaalichaaf qorichootaa fi meeshaalee wal’aansaa Yuuroo kuma 6tti tilmaamamu taasifamuu ragaan Faransaayitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.