Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti ijaarsa Imbaasii Eertiraatif dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Muddee 16, 2012 FBC) –Ityoophiyaatti ijaarsa Imbaasii Eertiraatif dhagaan bu’uuraa kaa’ame
 
Mootummaan Eertiraa imbaasii akka haaraatti magaalaa Finfinneetti ijaarsisuuf har’a dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
 
Dhagaa bu’uurichaas muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin kaa’aniiru.
 
Dhagaan bu’uurichaa Siddist Kiiloo, naannoo Galma Walga’iitti kaa’ameera.
 
Sirnicharratti itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi qondaaltonni mootummaa biroon argamaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin lafti ijaarsa imbaasichaa kennaa ummataa fi mootummaa Eertiraaf kennamedha jedhan.
 
Hariiroo biyyoota lamaanii gama hundaan sadarkaa olaanaatti kan ceesisus jedhan.
 
Ummattoota biyyoota lamaanii hiyyummaa keessaa baasuuf nuffii malee ni hojjennaanis ibsaniiru.
 
Barri Faranjootaa 2020 ummata Ityoophiyaa fi Eertiraatif akkasumas biyyoota baha Afrikaatif bara badhaadhinaa ni ta’a jedhan muummee ministiraa haasaa isaanitiin.
 
Preezdaant Isaayyaas gama isaanitiin daawwiin tasaa guyyoota lammanii, gammachiisaa turuu himan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.