Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabaman 52 ga’e

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti sa’aa 24tti qorannaa laaboraatoorii namoota 264f taasifameen namoonni 8 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Vaayrasichaan kan qabaman keessaa tokko daa’ima baatii 9ti.

Haati daa’imichaas vaayrasichaan qabamuun ishee mirkanaa’ere.

Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan akka ibsanitti, namoota qorannaan taasifameefii vaayrasichi irratti argame keessaa takka lammii Eertiraa yammuu taatu, kaan lammiilee Ityoophiyaati.

Kunis Ityoophiyaatti lakkoofsa namoota vaayrasichaan qabaman 52tti ol guddiseera.

Namoota saddeettan keessaa shanan isaanii Duubaayii kan deebi’anii fi tursa addaa keessatti hordoffiin taasifamaafii kan jiranidha.

Kanneen keessaayis daa’imni baatii 9 fi haati isaa keessatti argamu.

Lammiin Ityoophiyaa dubartiin waggaa 25 Taaylaandii deebitee tursa addaatti hordoffiin taasifamaafii kan jiru yammuu ta’u, lammiin Ityoophiyaa umrii waggaa 19 ammoo seenaa imala alaa kan hin qabne yammuu ta’u, haalli tuttuqqaasaa qoratamaa jira jedhaniiru.

Dubartiin lammummaan Eertiraa taatee fi Landanii Finfinnee dhufte tursa addaatti hordoffiin taasifamaafii jira.

Qorannaan laabraatoorii Finfinnee fi magaalota naannoleetti dabalaa jiraachuus Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

Ityoophiyaatti namoota vaayrasichaan qabaman keessaa namni tokko wallaansa hordoffii cimaa keessatti deeggarsi taasifamaafii jira.

Afur kan dandamatan yammuu ta’u, lama vaayrasichaan lubbuun isaanii darbeera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.