Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 566 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aa 24tiin namoonni dabalataa 566 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 5,278 kan hojjetame yoo ta’u, 566 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 944 yoo dandamatan, waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 34,960 qaqqabeera.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 8 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,238 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota vaayrasichi irratti argamu 44,803 keessaa 282 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.