Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 6 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 6 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e.
 
Sa’aa 24 darbetti qorannaa laaboraatoorii samuudaa namoota 74f hojjetameen, namoonni dabalataa 6 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
Haaluma kanaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 35 qaqqabuusaa Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Shanan magaalaa Finfinneetii, tokko ammoo magaalaa Dirree Dawaatii yammuu ta’u, ja’anuu Ityoophiyaanota ta’uun isaanii ibsameera.
 
Kan magaalaa Finfinnee lamaan dhiirota umrii waggaa 35 fi 30 yoo ta’an, Bitootessa 10 fi Bitootessa 8, 2012 Duubaayii kan dhufanidha.
 
Lamaanuu tursi addaa dirqisiisaan lammiilee biyyoota alaatii deebi’aniif hojiirra osoo hin oolin dura Finfinnee kan galanidha.
 
Sadaffaan dargaggeessa umrii waggaa 28, arfaffaan kan waggaa 56, 5ffaan kan waggaa 30 yoo ta’u; kanneen galmee imala biyyoota alaa hin qabani.
 
Namoonni kanneen qunnamtiin namoota biroo waliin qaban qulqullaa’aa jira jedhameera.
 
Ja’affaan magaalaa Dirree Dawaa dubartii umrii waggaa 33 yoo taatu, nama kanaan dura vaayrasichaan qabamuun isaa mirkanaa’e waliin hariiroo kan qabdudha jedhameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.